Pirojektiin Finnaa Dibbee Adaamaa…
Finfinnee, Sadaasa 23, 2018 (FMC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo horsiisee bulaa hundeerraa furuuf xiyyeefannoo kennuun pirojektii Finnaarratti hojjechaa jira.
Godina Boorana Bahaattis Pirojektiin Finnaa Dibbee Adaamaa Birrii miiliyoona 200 oliin ijaaramaa jiru % 87 irra gaheera.
Horsiisee bultoonni Godinichaas pirojektiin Finnaa qe’ee isaaniitti ijaaramaa jiru rakkoo bishaan dhugaatii namaafi beelladaa qaban isaaniif furuun hojii jallisii irrattis akka hirmaataniif kan isaan gargaaru ta’uu himan.
Pirojektichi tajaajila yaadameef akka ooluuf yeroo ji’a tokko hin caalle keessatti xumuruuf hojjechaa jiraachuu, Gorsaan Pirojektii Finnaa Dibbee Adaamaa Injiinar Mohammadrashiid Abdallaan dubbataniiru.
Pirojektiin Finnaa Dibbee Adaamaa hojjetamee yoo xumuramu Bishaan meetirik kuubii miiliyoona 7.2 qabachuu danda’as jedhan.
Bulchaan Godina Boorana Bahaa obbo Abdurizaaq Huseen gama isaaniin Pirojektiin Finnaa ijaaramaa jiru kun hawaasni horsiisee bulaa eeggattumma roobaa jalaa akka ba’uufi rakkoon bishaan dhugaatii hawaasa horsiisee bulaa furamuuf kan gargaaru ta’u himan.
Pirojektichi Aadaa hojii isaanii jijjiiruun hawaasni horsiisee bulaa Horsiisa horiin cinatti qonna jallisii fi Qurxummii irratti gurmaa’ee hojjechuun jiruufi jireenya isaa akka jijjiiruuf carraa gaarii kan uumu ta’us kaasan.
Dassaalany Abarraatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.