Fana: At a Speed of Life!

Qidduus Giyoorgisii fi Hawaasaan morkattoota isaanii injifatan

Finfinnee, Caamsaa 20, 2018 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa sagantaa 34ffaan har’a waaree booda taphatamaniin Qidduus Giyoorgisii fi Hawaasaan morkattoota isaanii injifataniiru.

Qidduus Giyoorgis galchii 2 fi 1’n Dirre Dhawaa yoo injifatu, Hawaasaan galchii 1 fi 0’n Buna Itiyoophiyaa injifateera.

Bunni Sidaamaa qabxii 58’n liigicha yoo dursu, Machaal qabxii 53’n sadarkaa 2ffaa fi Nageellee Arsiin qabxii 52’n sadarkaa 3ffaa qabataniiru.

Aarbaa Minci qabxii 29’n, Maqalee 70 Indaartaan qabxii 34 fi Dirre Dhawaan qabxii 35’n kilaboota sarara gadii keessa jiraniidha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.