Fana: At a Speed of Life!

Sirna faayinaansii mijataa daldala jalqabaaf… 

Finfinnee, Sadaasa 11, 2018(FMC) – Mootummaan hojiuumtotaa fi  daldalawwan jalqabbii irra jiraniif sirna faayinaansii miijataa diriirseera jedhan Ministirri Hojii fi Ogummaa Mufariyat Kaamiil.

Hojiiwwan gama carraa hojii uumamuun ministeerichi hojjatu keessaa hojii uumtota yaada haaraa maddisiisan fi daldaloota jalqabbii(start up businesses) deggeruun bu’a qabeessummaa irraan ga’uu akka ta’e dubbataniiru.

Qooda fudhattoonni damichaa ga’ee mataa isaanii taphachuu akka danda’aniifi sirni Faayinaansii hojii isaaniif miijataa akka ta’uuf Baankii Misooma Inveestimeentii dabalatee sirni damicha cimsu diriiruu eeraniiru.

Kunis gufuuwwan fi sodaawwan  dhiyeessii fasyinaansii isaan mudatu  furuuf akka  dandeessisu ibsaniiru.

Dargaggootaaf deggersi ogummaa fi hojii  Kalaqqii isaanii cimsu yaada isaanis hanga warshaalee gurguddaatti kan geessisuKennamaa akka jiru kaasaniiru.

 Dargaggoonni humna kalaqqii qaban gara bu’aa  qabatamatti akka ce’aniif haalli mijataan ijaaramaa akka jiru eeranii, mootummaanis damichaaf xiyyeeffannaa addaa kennee hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Lammiileen caraa hojiitti fayyadamuu isaanii mirkanessuuf tattaaffii jiru  keessatti daldaloonni Jalqabbi ga’ee murteessaa ba’uun lammiilee hedduuf carraan hojii uumamuu Kaasaniru.

Soosinnaa Alamaayyootiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.