Fana: At a Speed of Life!

Sirni carraa baasuu Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2018 gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 15, 2018 (FMC) – Sirni carraa baasuu Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2018 har’a gaggeeffameera.

Haaluma kanaan taphni torbee jalqabaa darbii Magaalaa Finfinnee Buna Itiyoophiyaa fi Qidduus Giyoorgis walitti fideera.

Shaampiyoonaan bara dabree Madin Itiyoophiyaan ammoo Magaalaa Adaamaa waliin taphata.

Dorgommiin Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa bara 2018 magaaloota 4tti kan taphatamu yoo ta’u, Finfinnee, Adaamaa, Dirre Dhawaa fi Hawaasaatti taphatama.

Marsaan jalqabaa Finfinnee fi Adaamaatti kan taphatamu ta’uu Waldaan Aksiyoonaa Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa beeksiseera.

Yuunivarsiitiin Walwaaloo Addigiraat, Faasiil, Shiree, Machaal, Dirre Dhawaa, Walaayittaa Diichaa, Hawaasaa, Maqalee 70 Indaartaa fi Bunni Sidaamaa ramaddii 1ffaa jalatti ramadamaniiru.

Akkasuma Naggeellee Arsii, Bunni Itiyoophiyaa, Itiyoo Elektiriik, Bahiir Daar, Adaamaa, Shaggar, Madin Itiyoophiyaa, Hadiyyaa Hoosaa’inaa, Aarbaa Mincii fi Qidduus Giyoorgiis ramaddii 2ffaa jalatti ramadamaniiru.

Taphoonni Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa kunneen Onkololeessa 8, 2018 eegalamu.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.