Tapha gulaallii xumuraa Waancaa addunyaa biyyoota Afrikaa…
Finfinnee, Onkololeessa 1, 2018 (FMC) –Waancaa Addunyaa 2026 Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksiikoon waloon qopheessaniif biyyoonni Afrikaa tapha gulaallii ramaddii xumuraa boruu eegaluun taphatu.
Biyyoonni Kaaba Afrikaa Ijipti, Moorookoo, Tuuniziyaa fi Aljeeriyaan kanneen waancaa addunyaaf darbuu dursanii mirkaneeffataniidha.
Seeneegaal tapha boru Mooriitaaniyaa waliin qabdu injifannaan qabxii biyyoota biroo osoo hin eegne darbuu mirkaneeffatti.
Beeniinis Naayijeeriyaa yoo injifatte yeroo jalqabaaf hirmaannaa Waancaa addunyaa argatti.
Naayijeeriyaan garuu injifattus qabxii Afrikaa Kibbaa eeggachuuf dirqamti.
Afrikaan Kibbaas tapha Ruwaandaa waliin qabdu injifattus qabxii Beeniin galmeessitu eeguuf dirqamti.
Keeppi Vardeen Iswaatiniin injifannaan gara Waancaa Addunyaatti imaluu mirkaneeffatti.
Ramaddicha keessatti kan argamtu Kaameeruun tapha Angoolaa waliin qabdu injifattullee Keeppi Vardeen injifatamuu yookaa qabxii qoodachuu eeggatti.
Ramaddii 6ffaa dursaa kan jirtu Ayivoorii Koosti tapha xumuraa Keeniyaa waliin taphattu yoo injifatte kallattiin dabarti.
Gaanaanis tapha Koomoros waliin qabdurraa qabxii 1 qofa yoo argatte Tikkeetti kutatti.
Waliigalaan taphoonni xumuraa boruu eegaluun taphataman kunneen biyyoota shan hirmaannaa waancaa Addunyaa argatan kan murteessan ta’u.
Hayilamaariyaam Taganyiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.