Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 14ffaan har’aa eegaluun taphatamu

Finfinnee, Sadaasa 23, 2018 (FMC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 14ffaan tapha har’a Fuulhaam Maanchiister Siitii, Boornimaawuuz ammoo Eevartan keessummeessaniin eegalama.

Har’a halkan sa’aatii 4:30 eegalee Fuulhaam Maanchiister Siitii, Boornimaawuuz ammoo Eevartan waliin taphatu.

Halkan sa’aatii 5:15 jalqabee morkiin Niwuukaasiil Tootenhaam waliin taasisu xiyyeeffannoo argateera.

Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 173 keessaa Niwuukaasiil yeroo 65 yoo injifatu Tootenhaam si’a 74 injifachuun taphoota 34 ammoo qabxii qoodataniiru.

Boru halkan sa’aatii 4:30 jalqabee falmiin dursaan Liigichaa Arsenaal Bireentifoord waliin godhu ni eegama.

Kilaboonni lamaan taphoota 22 waliin taphatan keessaa Arsenaal yeroo 10 yoo injifatu, Bireentifoord si’a 6 injifachuun, taphoota 6 ammoo qabxii qoodataniiru.

Arsenaal bara kana taphoota 20 taphateen galchiiwwan 43 galchuun galchii 7 qofa keessummeesse.

Sa’aatuma walfakkaatuutti Biraayitan – Astoon Viilaa, Barnileey – Kiristaal Paalaas, Woolviis Notiingahaam Foresti waliin taphatu.

Halkan sa’aatii 5:15 eegalee Liidis Yuunaayitiid – Cheelsii, Liivarpuul – Sandarlaand waliin morkiin taasisan xiyyeeffannoo argateera.

Liiverpuul taphoota piriimeerliigichaa walitti aansuun erga injifatamee booda Dilbata Weest Haam galchii 2 fi 0’n injichuun kaka’umsa gaariirratti argama.

Sandarlaandi taphoota Piriimeerliigichaa hanga ammaatti taphateen kilaboota jajjabootti qormaata guddaa ta’eera.

Sandarlaand Cheelsii injifachuun Arsenaal waliin ammoo qabxii qoodateera.

Amma qabxii 22 walitti qabachuun sadarkaa 6ffaarratti yoo argamu, taphoota Piriimeer Liigii bara kanaan 13 keessaa 6 kan injifatame Liiverpuul qabxii 21 walitti qabachuun 8ffaarratti argama.

Siifan Magarsaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.