Fana: At a Speed of Life!

Viilaadmiir Puutiin waggoota afur booda Hindi daawwachuuf garas imalan

Finfinnee, Sadaasa 25, 2018(FMC)- Pirezidaantiin Raashiyaa Viilaadmiir Puutiin waggoota afur booda Hindi daawwachuuf gara Niwu Deelhiitti imalaniiru.

Viilaadmiir Puutiin turtiisaaniin Ministira Muummee Hindi Naareendiraa Moodii waliin tumsa daldalaafi diinagdee biyyoota lameenii dabalatee dhimmoota gamlameefi idil-addunyaa irratti akka mari’atan ibsameera.

Biyyoonni lameen dameewwan garaagaraarratti waliigalteewwan waliif kan mallatteessan ta’uus Tajaajilli Oduu Raashiyaa(TASS) gabaaseera.

Raashiyaan bara 2030’tti daldala Hindi waliin qabdu Doolaara biiliyoona 100 irraan gahuu kan barbaaddu yoo ta’u, biyyoonni lameeni tumsa diinagdee tarsiimawaa dabalataa irratti ni mari’atuun eegama.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.