Fana: At a Speed of Life!

Waaliyaawwan har’a gita isaanii Giinii Bisaw waliin taphatu

Finfinnee, Fulbaana 28, 2018(FMC) – Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa tapha gulaallii Waancaa Addunyaa gita isaa Giinii Bisaw waliin taphata.

Waaliyaawwan taphichaaf Ruwaandaa magaalaa Kiigaaliitti shaakala taasisaa kan turan yoo ta’u, har’a waaree booda sa’aatii 10:00 irraa eegalee Istaadiyeemii Amahoorootti taphatu.

Gareen Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gulaallii waancaa Addunyaa bara 2026’f taphoota hanga ammaatti taphate 8 keessas 1 qofa injifachuun 3 qixa bahuun, 4 injifatamuun qabxii 6 walitti qabateera.

Ijipti qabxii 20 sadarkaa 1ffaa, Burkiinaafaasoon qabxii 15 sadarkaa 2ffaa fi Seeraliyoon qabxii 12 sadarkaa 3ffaa yoo qabatan, Itiyoophiyaan qabxii 6 walitti qabachuun sadarkaa 5ffaarratti argamti.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.