Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii 2ffaan Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii Finfinneetti taa’amaa jira

Finfinnee, Adoolessa 21, 2017 (FMC) – Yaa’ii 2ffaan Sirna Nyaataa Mootummoota Gamtoomanii bakka hoggantoonni biyyoota garaagaraa argamanitti Finfinneetti taa’amaa jira.

Ministira Muummee Xaaliyaanii Ji’oorjiyaa Meeloonii, Pireezidaantii Keeniyaa Wiiliyooma Ruutoo, Kan Somaaliyaa Hasan Sheek Mahammudii fi Kan Koomooroos Azaalii Asumaanii dabalatee Ministiroonni biyyoota adda addaa yaa’icharratti hirmaachaa jiru.

Yaa’ichi Yaa’ii jalqabaa Sirna Nyaataa bara Adoolessa 2015 Xaaliyaanii Roomitti gaggeeffamerratti waadaa galame raawwii isaa ka’umsa taasisuun taa’amaa jira.

Mootummoota, oomishtoota nyaataa, hawaasa Daldalaa fi qooda fudhattoota biroo gidduu tumsa jiru caalmaatti cimsuun ajandaa yaa’ichaa akka ta’e ibsameera.

Ce’umsa sirna nyaataa ilaalchisee ciminootaa fi hanqinoota jiran ilaachisee gabaasni ni dhiyaata jedhame.

Yaa’ichi ce’umsa sirna nyaataa fi filannoowwan Faayinaansii fi Invastimantiirratti bal’inaan mari’ataan eegama.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.