Yaa’iin imaammata lafaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Sadaasa 1, 2018(FMC)- Yaa’iin imaammata lafaa Afrikaa 6ffaan guyyaa har’aa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
Yaa’icharratti biyyoota Afrikaafi dhaabbilee idil-addunyaa garaagaraa irraa qaamoleen imaammata baasan, qorattoonniifi qooda fudhattoonni argamaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota bulchiinsa lafaa, haqaafi beenyaa lammiilee Afrikaafi diyaaspooraawwan Afrikaa irratti kan xiyyeeffatedha.
Yaa’ichi haala imaammatawwan bulchiinsa lafaa fooyyessuun danda’amurratti kan mari’atu ta’uus ibsameera.
Muuxannoon imaammataafi tarsiimoo lafaa biyyoottaniis yaa’icharratti kan dhiyaatu ta’uunis eerameera.
Masaafint Birilleen.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.