Diina waliin hiriiruun rakkoon uummataa hinhiikamu-Pir. Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)- Diina waliin hiriiruun rakkoon uummataa keenyaa furmaata hinargatu jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.
Yaa’iin Caffee Oromiyaa gaggeeffamaa ooleen, gabaasa raawwii baatiiwwan ja’an darbanii Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan dhiyaaterratti miseensoonni Caffee yaadaa fi gaaffii dhiyeessaniiru.
Rakkoon bu’uuraalee misoomaa kannneen akka ijaarsa daandii, rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu, dhiyeessii raabsaa boba’aa, Kafaltii gibiiraa, kenna tajaajilaa, hanqina barsiisaa waliin wal qabatee jiru, dhimmi nageenyaas xiyyeefannoon argachuu akka qabu miseensonni kaasaniiru.
Yaadaa fi gaaffii dhiyaaterrattis ibsaa bal’aa kan kennan Pireezidaanti Shimallis hojiilee hawaasa naannichaa fayyadan hedduun hojjetamuu fi kun cimee itti fufa jedhan.
Bu’aaleen amma argamaa jiiran itti fufiinsa akka qabaataniif aadaan hojii cimuu, aadaa qusannaa hawaasaa cimsuu fi qonni ammayyaa’uu qaba jedhaniiru.
Galiin naannichaa akka dabaluu qixa sirriin walitti qabamauu akka qabu hubachiisanii, qaamni kafaltii galii nagahee malee walitti qabu diina Oromoo ta’uu ibsan.
Diina waliin hiriiruudhaan rakkoon uummata keenyaa furmaataa hnargatu kan jedhan Pireezidaanti Shimallis mootummaan naannichaa rakkoo nageenyaa furuuf ammas cimee hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Qaamoolee waamicha nageenyaa fudhatanii dhufan harkasaa ballisee akka simatuu fi qaama waamicha kana didee uummata keenya dararuuf yaadu kamiyyuu uummata keenya waliin ta’uun tarkaanfii barbaachisu kan fudhatamu ta’uu eeran.
Arsaa kamiyyuu kanfalluu sirna arsaa kumaatamoota itti wareeguun argame ni tikfannaa jedhaniiru.
Karoorri naannichaa misoomsuu fi gara guddinaatti ceesisuuf yaadame akka milkaa’uu Uumannis tusuu qaba jedhaniiru.
Caffeen Oromiyaas, Gabaasa Raawwii Karoora Hojiiwwan Qaama Raawwachiiftuu Ji’oottan Jahaa Bara 2017 dhiyaate irratti marii bal’aa gaggeessuun sagalee guutuun mirkananeesseera.
Daagimawwii Deeksisaa fi Baayiluu Baaneetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia