Fana: At a Speed of Life!

Gareen jila Hariiroo Idil Addunyaa Paartii Komunistii Chaayinaa FMC daawwate

Finfinnee, Guraandhala 11, 2017 (FMC)- Gareen jila Hariiroo Idil Addunyaa Paartii Komunistii Chaayinaa Waajjira Olaanaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii daawwateera.

Jilichi dhaabbatichatti Kutaalee adda addaa daawwateera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii Obbo Admaasuu Daamxoon, jilicha waliin hariiroo damee miidiyaan jiru akkaataa guddisuun danda’amurrati marii taasisaniiru.

Wayita ammaa FMC ‘n afaanoota biyya keessaa 8’n kan biyya alaa ammo 2’n kara Teeleevizhinii, Raadiyoo fi Miidiyaa Dijitaalaan dhaggeffattootaa fi daawwattoota bira gahaa jiraachuus eeraniiru.

Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniin dhimmoota Hawaasummaa, Diingadee, Siyaasaa fi Dippiloomaasiin dabalatatti qabiyyee bashannanaan teeknooloojjii ammayyaan deeggarame hawaasaa bira qaqqabaa jiraachuus himaniiru.

Tv’n Faanaa Tv BRICS dabalatee dhaabbiilee idil Addunyaa waliin tumsaan hojjechaa jiraachuu Obbo Admaasuun ibsaniiru.

Gareen Jila Hariiroo Idil Addunyaa Paartii Komuunistii Chaayinaa gamasaaniin, Meeshaaleen teeknooloojji ammayyaa FMC’n fayyadamu qulqullinaa fi dhaqqabummaaf murannoo qabaachuu kan agarsiisuu ta’uu dubbataniiru.

Walitti hidhaminsa ummataa fi ummataa akkasums aadaa cimsuuf miidiyaan gahee olaanaa qabaachuu ibsuun, Mootummaan Isaaniis ta’ee Paartichi Faanaa Miidiyaa Koorporeeshinii waliin damee Leenjii, tumsa teeknikaa fi muxannoo wal jijjiruuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Wondiwasan Aragaahinyiitu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.