Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsi Mana Barumsaa moodaala sadarkaa 2ffaa Yaaballoo eegalame

Finfinnee, Ebla 25, 2017 (FMC) – Baajata Mootummaa Federaalaan kan ijaaramu ijaarsi Manni Barumsaa Moodeelaa Sadarkaa 2ffaa Yaaballoo eegaleera.

Ijaarsi Mana barumsicha Ministira Ministeeraa Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa fi hoggantoonni mootummaa naannoo Oromiyaa bakkaa argamanitti eegalee.

Manni barumsichaa Baajata mootummaa Federaalaa Birrii miiliyoona 500 kan ijaaramu yoo ta’u, ijaarsi isaas baatiwwan 10 keessatti xumuramuuf kan hojjetamu ta’uun eerameera.

Manni barumsaa moodelaa kun lammiilee barumsaan gahoome addunyaan walbare horachuu keessatti iddoo olaanaa qabaachuu Sadarkaa Ittaanaa pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa obbo Saadat Nashaan himaniiru.

Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon gama isaaniin Ministeerri Barnootaa Manneen Barnootaa Sadarkaa isaa eegatte dhalootaaf ijaaruu isaaf galateffataniiru.

Dhaloota gahumsa qabuu fi rakkoo furuu danda’u horachuuf manni barumsichaa qooda olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa himaniiru.

Bulchaan Godina Booranaa obbo Abdisalaam Waariyoon gama isaaniin sosochii Mootummaan Federaalaafi Naannoo dhaloota qaruuf taasisaan dinqisiifachuun,tumsa barbaachisu hunda kan godhan ta’uu mirkaneessaniiru.

Gammachuu Beekumaatti gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.