Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Poolisii wareegama kaffaluun itti gaafatamummaa isaa bahatu uumameera- K/J Dammallaash Gabramikaa’el

Finfinnee, Ebla 26, 2017 (FMC) – Raayyaan Poolisii wareegama lubbuu kaffaluun itti gaafatamummaa isaa bahatu uumamuu  Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el ibsan.

Xumurri sagantaa guyyaa hundeeffama waggaa 116ffaa Poolisii Itiyoophiyaa bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, hoggantoonni olaanoon mootummaafi keessummoonni biroon argamanitti Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffamaa jira.

Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el saganticharratti akka ibsanitti, raayyaa poolisii wareegama lubbuu kaffaluun itti gaafatamummaa isaa bahatu uumamuun danda’ameera.

Poolisiin federaalaa guyyaa dhagaan bu’uuraa Hidha Haaromsa Guddichaa kaa’amerraa eegalee dhaabbilee nageenyaa biroo waliin ta’uun nageenya hidhichaa eegaa turuu kaasaniiru.

Poolis Gaardiin Koostaal Itiyoophiyaatti yeroo jalqabaaf gurmaa’uu eeruun, yeroo itti aanuttis ergama mootummaarraa kennamurratti akka bobba’u himaniiru.

Dhaabbatichi qorannoo DNA jalqabuun yeroo ammaa biyyoota ollaafis tajaajila kennaa jiraachuufi yeroo dhiyootti Giddugalli Hoggansa Poolisii Idil-addunyaa gara hojiitti kan galu ta’uu ibsaniiru.

Kana malees dhaabbatichi humna diroonii poolisii, raadiyoo quunnamsiistuu diijitaalaa, giddugala to’annoo koomaandiifi dandeettii loojistiksii ammayyaa qabaachuu kaasuun, dandeettiiwwan teeknooloojii biroo babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad xiyyeeffannoo olaanaa dhaabbatichaaf waan kennaniif galateeffataniiru.

Hayilamaariyaam Taganyitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.