Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuun hojii keenya yeroo maraati- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Ebla 26, 2017 (FMC) – Akkuma abbootii keenyaa miira gootummaan tokkummaafi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuun hojii keenya yeroo maraati jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Xumurri sagantaa guyyaa hundeeffama waggaa 116ffaa Poolisii Itiyoophiyaa bakka hoggantoonni olaanoon mootummaa argamanitti Addabaabaayii Masqalaatti gaggeeffameera.
Dooktar Abiy Ahimad haasawaa saganticharratti taasisaniin, dhaabbataaf waggoota 116 jechuun hiikkaa guddaa qabaachuu kaasanii, riifoormii walitti fufiinsa qabuufi dandeettii bara madaalu ijaaruun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Waggoottan muraasa darbanitti hojiin ijaarsa dhaabbilee nageenyaa irratti hojjetame bu’aa qabeessa ta’uu eeranii, ammas haala qabatamaa addunyaan irra jirtuun walitti fufiinsaan leenji’uufi qophaa’uun barbaachisaadha jedhan.
Dhaabbileen nageenyaa bu’aa boonsaa argameen osoo hin dagamiin walitti fufiinsaan ijaarsa dandeettiifi of guddisuurratti waloon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Hojiin faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuufi nageenyaafi tokkummaa mirkaneessuu raayyaa poolisiirraa kan eegamu ta’uu hubachiisuun, tokko ta’uu yoo dandeenye tokkummaafi badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuu ni dandeenya jedhaniiru.
Fedhiin diinota keenyaa adda nu qooduufi nu bittimsuudha kan jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, kaayyoon keenya faayidaa biyyaalessaa keenya haalaan beekuu, nageenya keenya eeguu, tumsaan hojjechuufi uummattoota obboleewwan ollaa waliin waloon hojjechuudha jechuun ibsaniiru.
Kanarra kan darbu yoo jiraate akkuma abbootii keenyaa miira gootummaan tokkummaafi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuun hojii keenya yeroo maraati jedhaniiru.
Humnoonni nageenyaafi tokkummaa Itiyoophiyaa hin barbaanne karaa baratameen irree keenyaan ni diigamu jechuun akeekkachiisaniiru.
Hayilamaariyaam Taganyitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia