Fana: At a Speed of Life!

Liivarpuulii fi Arsenaal walqixa ba’an

Finfinnee, Caamsaa 3, 2017 (FMC) – Tapha piriimiyar liigii torbee 36ffaan Liivarpuul dirree isaa irratti Arsenaaliin keessummeessee galchii 2-2’n walqixa ba’aniiru.

Liivarpuuliif Koodii Gaakpoo fi Diyaaz galchii lamaan yoo lakkoofsisan, galchiiwwan Arsenaaliin qixxeessan ammoo Maartineelii fi Miikeel Moriinoo lakkoofsisaniiru.

Dursee Shaampiyoonaa ta’uu isaa kan mirkaneeffate Liivarpuul qabxii waliigalaa 83’n yoo ga’atu, Arsenaal qabxii 68’n sadarkaa 2ffaa irratti argama.


 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.