Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan misooma damee hubannoo namtolchee mandhaleen daandii dinqisiisarratti argamti – Komishinicha

Finfinnee, Caamsaa 9, 2017(FMC) – Itiyoophiyaan misooma damee hubannoo namtolchee mandhaleen daandii dinqisiisarratti kan argamtu ta’uu Komishinii Gamtaa Afrikaa ibseera.

Dura teessuu Itti aantuun Komishinii Gamtaa Afrikaa Salmaa Maaliikaa Haadaadiin Agarsiisa Teeknoolooji idil Addunyaa 2025 Itiyoophiyaan qopheessiterratti argamaniiru

Itiyoophiyaan misooma damee hubannoo namtolchee mandhaleen daandii dinqisiisarratti kan argamtu ta’uu ibsaniiru.

Agarsiisichi faayidaa qabeessaa fi yeroo kan eeggate ta’uu Salmaa Maaliikaa Haadaadiin kaasaniiru.

Itiyoophiyaan Afrikaatti Hubannoo namtolchee hammataa fi hirmaachiisaa ijaaruun misooma Afrikaa mirkaneessuuf qooda adda duree bahachaa jiraachuu himaniiru.

Hubannoon namtolchee jijjiirama siyaas diinagdeef humna olaanaa ta’uu dhufuu ibsan.

Hubannoon namtolchee kalaqa, barnoota, Fayyaa, Qonnaa, Faayinaansii, nageenyaa fi faayidaa biyyaalessaan kabachiisuu keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu Daayrekterri Olaanaan Inistiityuutii Hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa Injiinar Warquu Gaachanaan dubbataniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad damicha cimsuuf shoora olaanaa bahachuu isaanii himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.