Adeemsi raayyaa ergamaafi dirqama isaa bahatu ijaaruu cimee itti fufa- Ajaja Kibbaa
Finfinnee, Caamsaa 10, 2017(FMC) – Adeemsi raayyaa ergamaafi dirqama isaa bahatu ijaaruu cimee kan itti fufu ta’uu Ajajni Kibbaa ibse.
Ajajichi loltoota bu’uuraa ji’oottan darban Giddugala Leenjii Yeroo Soodareetti leenjisaa ture eebbisiiseera.
Sirna eebbaa kanarratti Ajajaa Itti aanaa Ajaja Kibbaa Meejer Jeneraal Admaasuu Alamneeh dabalatee qondaaltonni olaanoon ajajichaafi keessummoonni biroon argamaniiru.
Eebbifamtoonni leenjii gahumsa qaamaa, dhukaasaa, xiin-sammuufi loltummaa milkaa’inaan xumuruu eerameera.
Ajaja Kibbaatti Ajajaan Koorii 202ffaa Koloneel Dajanee Tsaggaayee saganticharratti akka jedhaniitti, biyyi birmadummaan ishee eegamee bajamtee akka jiraattuuf raayyaa gahumsa qabuufi ammayyaa ijaaruu barbaachisa.
Birmadummaa biyyaafi nageenya waaraa mirkaneessuuf adeemsi raayyaa xiin-sammuun gahoomeefi dirqama isaa naamuusa olaanaan bahatu ijaaruu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Qaamolee ergama diinotaa fudhachuun Itiyoophiyaa giddugala jeequmsaa gochuuf hojjetan barbadeessuuf ajajichi qophii ta’uus hubachiisaniiru.
Ajajichi kontiroobaandii ittisuufis xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru eeraniiru.
Malaakuu Gadifiin.