Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Ashaaraa Magariisaaf boolli biqiltuu biiliyoonni 1 qophaa’eera

Finfinnee, Caamsaa 10, 2017(FMC) – Naannoo Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti boolli biqiltuu biiliyoonni 1 qophaa’uu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Biirichatti Daayrektarri Kunuunsaafi Misooma Bosonaa Katamaa Abdiisaan Faanaa Diijitaaliif akka ibsanitti, bara kana naannichatti biqiltuu biiliyoona 5 fi kuma 200 dhaabuuf karoorfameera.

Hanga ammaatti boolli biqiltuu biiliyoonni 1 qophaa’uu kaasanii, qophiin boollaa hojii kunuunsa qabeenya uumamaa cinaatti hojjetamaa turuu yaadachiisaniiru.

Naannichatti yeroo ammaa godinaalee  rooba argachaa jiran Boorana Bahaa, Baalee Bahaafi Gujiitti biqiltuun miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 12 dhaabbachuus dubbataniiru.

Biqiltuuwwan ganna dhufu naannichatti dhaabaman keessaa %40 uwwisa bosonaaf, kan hafan ammoo nyaataaf, eegumsa naannoofi   faayidaa diinagdeef kan oolan ta’uu eeraniiru.

Abeel Niwaayiin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.