Shawaa Kaabaatti qonna Gannaa bara kanaaf hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 300 fi kumni 90 qotame
Finfinnee, Caamsaa 12, 2017 (FMC ) -Godina Shawaa Kaabaatti qonna Gannaa bara oomishaa 2017/18’f hanga ammaatti lafti hektaarri kumni 300 fi kumni 90 qotamuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.
Godinichatti bara oomishaa 2017/18 lafa hektaara kuma 500 fi kuma 90 misoomsuuf karoorfamee hanga gabaasni kun qindaa’eetti hektaarri kumni 300 fi kumni 90 marsaa 1ffaan qotamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Kaabaa obbo Hirphaa Addunyaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Lafti hektaarri kumni 38 ol ammoo sanyiin uwwifamuu dubbataniiru.
Lafa waliigalaa qophaa’aa jiru keessaa hektaara kuma 200 fi kuma 57 kilaasteraan qotuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Qophiin qonna gannaa kun Makaanaayizeeshinii fi mala aadaan walcinaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Xaa’oo kuntaala kuma 500 fi kuma 10 dhiyeessuuf karoorfamee hanga ammaatti kuntaalli kumni 200 fi kuma 84 dhiyaachuu eeruun, kana keessaa kuntaallii kumni 200 fi kumni 8 aanaalee gahuu ibsaniiru.
Sanyii filatamaanis akkaatuma karooraan dhiyaachaa jiraachuu dubbataniiru.
Waliigala lafa misoomsuuf karoorfamerraa callaa kuntaala miiliyoona 16 ol argachuuf hojjetamaa akka jiru obbo Hirphaan eeraniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia