Adaamaa 2 – 0 Bahiirdar
Finfinnee, Caamsaa 25, 2017 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 33ffaa har’a taphatameen Magaalaan Adaamaa galchii 2 fi 0n Magaalaa Bahiirdar injifateera.
Kanaanis Adaamaan taphoota 3 walitti aansuun yoo injifatu Bahiirdaar ammoo taphoota 3 walitti aansuun injifatameera.
Bu’aa har’aa hordofee Kilabni Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa qabxii isaa 35 gahachuun sadarkaa 15ffaarratti ol fooyyeeffateera.
Carraa Piriimeer Liigicha keessa turuuf qabus bal’ifateera.
Madin Itiyoophiyaan qabxii 63’n liigicha yoo dursu, Bunni Itiyoophiyaa qabxii 55’n 2ffaa fi Magaalaan Bahiirdaar qabxii 48’n sadarkaa 3ffaarratti argamu.
#Oromia #Ethiopia