Tapha Guutuu Itiyoophiyaa 6ffaaf qophiin xumurame
Finfinnee, Waxabajjii 8, 2017 (FMC) – Tapha Guutuu Itiyoophiyaa marsaa 6ffaa magaalaa Jimmaatti gaggeeffamuuf qophiin barbaachisu xumurame jedhe Biiroon Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa.
Taphni Guutuu Itiyoophiyaa marsaa 6ffaan qindoomina Ministeera Aadaa fi Ispoortii fi Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaatiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, dorgommichi Waxabajjii 10 – 19, 2017tti Bulchiinsa Magaalaa Jimmaatti gaggeeffama.
Dorgommiin bara kanaa taphoota olompiikii dabalataan gosoota Ispoortii tapha Olompikii hin taane illee kan dabalatu ta’uu Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaatti Daayrektarri Kominikeeshinii obbo Rabbiyyuu Tamaam Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Dorgommichi “Ispoortii Gootummaa Gamtooma Itiyoophiyaaf!” mata duree jedhuun dorgomama.
Kana dura gosoota Ispoortii 21 taphatamaa kan ture bara kana ammoo gosoota ispoortii 26n taphatama jedhan obbo Rabbiyyuun.
Yeroo ammaa iddoolee taphni Ispoortii itti gaggeeffamuu mijeessuu fi Ispoorteessitootaaf haala mijataa uumuu dabalatee qophiin barbaachisu hundi xumuramuu himan.
Koree Olaanaan tapha Guutuu Itiyoophiyaa 6ffaa qophiin barbaachisu xumuruu beeksisuun kan yaadatamuudha.
Dorgommichi duudhaafi qajeeltoo ispoortii eegee akka raawwatamuuf qaamooleen nageenyaa qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu korechi yaadachiiseera.
Tapha Guutuu Itiyoophiyaa marsaa 6ffaaf ka’umsa kan ta’e xomboorri Olompikii naannoo Sidaamaa ka’uun Magaalaa Jimmaatti imalaa kan jiru yoo ta’u, har’a Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa magaalaa Buttaa Jiraatti sirna hoo’aan simatamuu obbo Rabbiyyuun ibsaniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.