Fana: At a Speed of Life!

Ispoortiin tokkummaafi walooma cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba- Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2017 (FMC)- Ispoortiin tokkummaafi walooma cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan Ministira Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan Tapha Guutuu Itiyoophiyaa 6ffaa magaalaa Jimmaatti gaggeeffamu jalqabsiisaniiru.

Ispoortiin tokkummaafi walooma cimsuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu haasawaa waltajjicharratti taasisaniin ibsaniiru.

Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii Aadde Shawiit Shaankaa gamasaaniin, mootummaan bu’uuraalee misooma isportii babal’isuun sadarkaa biyyaatti oolmaa dargaggootaa kuma 14 ijaaruun hojii eegalchisuu kaasaniiru.

Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin, naannichatti bu’uuraalee misoomaa Ispoortii irratti hojiin milkaa’ina qabu hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.

Abdurahmaan Mohaammaditu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.