Tapha guutuu Itiyoophiyaa 6ffaa Oromiyaan dursaa jira
Finfinnee, Waxabajjii 15, 2017 (FMC) –Dorgommii tapha guutuu Itiyoophiyaa 6ffaa dorgomamaa jiruun Naannoon Oromiyaa warqee hedduu walitti qabachuun dursaa jira.
Tapha Kubbaa Miilaa har’a waaree dura taphatameen Gareen Kubbaa Miilaa Dubartoota Oromiyaa galchii 7 fi 1n Garee Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa injifateera.
Ragaa hanga guyyaa kaleessatti jiruun Oromiyaan Meedaaliyaa Warqee 65 sadarkaa 1ffaa , Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Meedaaliyaa Warqee 53 sadarkaa 2ffaa fi Naannoon Amaaraa Meedaaliyaa Warqee 28 walitti qabachuun sadarkaa 3ffaa qabataniiru.
Har’a waaree booda sa’aa 7:30 eegalee taphni nuusa xumuraa garee Kubbaa Miilaa Dhiirotaa Oromiyaa fi kan naannoo Tigraay gidduutti taphatamu ni eegama.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.