Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen Yaa’ii Daldalaa Afrikaa- Ameerikaa irratti hirmaachaa jiru
Finfinnee, Waxabajjii 16, 2017 (FMC)- Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen Yaa’ii Daldalaa Afrikaa- Ameerikaa irratti hirmaachaa jiru.
Yaa’ichi bakka hoggantoonni biyyoota Afrikaa garaagaraafi hoggantoonni olaanoon mootummaa Ameerikaa argamanitti Angoolaa Magaalaa Luuwaandaatti gaggeeffamuu eegaleera.
Yaa’ichrratti jilli Itiyoophiyaa Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen durfamu hirmaachaa jira.
Yaa’icharratti hoggantoota biyyoota Afrikaafi hoggantoota olaanoo mootummaa Ameerikaa dabalatee hirmaattonni kumni 1 fi 500 ol argamaniiru.
Yaa’ichi haalota hariiroo daldalaafi invastimantii Afrikaafi Ameerikaa cimsuu dandeessisan irratti kallattii akka kaa’u amanameera.
Pireezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen yaa’icharratti haasawaa kan taasisan yoo ta’u, yaa’ichaan cinaattis mariiwwan gam-lamee kan taasisan ta’uu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.