Nyaanni Loonii akka malee qaala’uu hordofee aannan oomishuu dhaabuuf dirqamaa jirra – Jiraattoota Godina Shawaa Kaabaa
Finfinnee, Waxabajjii 18, 2017 (FMC) – Nyaanni Loonii akka malee qaala’uu hordofee aannan oomishuu dhaabuuf dirqamaa jirra jedhan jiraattoonni Godina Shawaa Kaabaa.
Gatii aannanii caalaa gatii nyaata Looniitu irra qaaliidha jedhan Jiraattoonni Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dabra Libaanoos.
Nyaata loonii Kiiloo Giraama 1 Birrii 70 bitanii Aannan Liitira 1 Birrii 58tti gurguraa jiraachuu jiraattoonni kunneen Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Kana hordofee yeroo ammaa aannan oomishuu dhaabuuf dirqamaa jirra jedhan.
Dhimmi gatii aannanii dhimma bara dheeraaf fala dhabe ta’uu kan eeran jiraattoonni kunneen, yeroo ammaa aannan qulqulluu sadarkaa isaa eeggate oomishnanis gatii isa madaalu argachuu hin dandeenye jedhan.
Godinichatti warshaan aannan qindeessuu fi nyaata loonii oomishu akka ijaaramu barootaaf gaaffachaa turanis hanga ammaatti deebii kan hin arganne ta’uu kaasan.
Komiin oomishtoonni aannanii kaasan dhugaa ta’uu fi rakkicha furuuf yaaliin godhamaa jiraachuu Bulchaan Aanaa Dabralibaanoos obbo Makonniin Yilmaan dubbataniiru.
Dhimmi gatii Aannanii shira daldalaa ta’uu kan eeran obbo Makonniin,dhimmi warshaa aannaniis gaaffii hunda keenyaati jedhan.
Dhaabbileen aannan bitan dorgomanii gatii fooyyeen bituu caalaa waliigalanii qonnaan bulaarratti dhiibbaa uumaa akka jiran dubbatan.
Yuuniyeenii Biiftuu Salaalee waliin ta’uun rakkoo kana furuuf yaaliin taasiifamaa jira jedhan.
Gatii aannanii fooyyessuuf hojiilee hedduun hojjetamanis furmaanni gahaan argamuu hin dandeenye jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Daldalaa Godina Shawaa Kaabaa obbo Darajjee Sammaan.
Komiin jiraattoota biraa ka’aa jiru sirrii ta’uu kaasuun,Warshaan aannan qindeessuu fi nyaata loonii oomishu akka ijaaramu tattaaffiin godhamaa jiraatus hanga ammaatti milkaa’uu hin dandeenya jedhan.
Kana dura rakkoo qulqullina aannaniitu ture kan jedhan obbo Darajjeen, amma rakkichi guutummaatti furamus dhimmi gatii aannanii garuu furmaata gahaa akka hin arganne kaasan.
Faddaaltoonni seeran alaa fi dhimmi nageenyaa aannan gabaa akka hin arganneef sababa olaanaa ta’uu dubbatan.
Magaalaa Finfinneetti aannan Liitirri tokko Birrii 120 olitti gurguramaa jira, Salaaleetti garuu aannan Liitirri tokko Birri 54 – 58tti gurguramaa jira.
Siifan Magarsaatu gabaase
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.