Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Finfinnee barattoota ogummaa adda addaan barsiisaa ture kuma 6 ol eebbisise

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2017 (FMC) – Yuunivarsiitiin Finfinnee barattoota ogummaa adda addaan barsiisaa ture kuma 6 fi 800 ol marsaa 75ffaaf eebbisiseera.

Yuunivarsiitichi Barattoota digirii jalqabaan, digirii 2ffaan, digirii 3ffaa fi Ispeeshaalistii fi gariin Ispeeshaalistiin eebbisise.

Yuunivarsitichi digrii jalqabaatiin barattoota kuma 3fi 334, digrii 2ffaan kuma 2 fi 859, akkasumas digrii 3ffaan 304 fi Ispeeshaalistii’ fi  gariin Ispeeshaalistiin 352, waliigalatti barattoota kuma 6 fi 849 har’a  eebbisiiseera.

Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, hoggantoonni mootummaa, dippiloomaatoonni, keessummoonni kabajaa fi maatiin eebbifamtootaa sagantaa eebbichaarratti argamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.