Malaammaltummaan guddinaa fi misooma biyyaaf gufuudha- Dooktar Biqilaa Hurrisaa
Finfinnee, Waxabajjii 22, 2017 (FMC)- Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Ogeeyyii miidiyaalee fi Kominikeeshiniif leenjii kennaa jira.
Leenjichi mata duree “Miidiyaa ijaarsa naamusaa fi bulchiinsa gaariif” jedhuun guyyoota sadiif kan kennamuudha.
Leenjii kana irratti haasawaa baninsaa kan taasisa Komishinarri Komishinii Naamusaafi farra malaammaltummaa Oromiyaa obbo Abdallaa Ogatee yakka malaammaltummaa ittisuu keessatti gaheen miidiyaalee olaanaa ta’uu dubbataniiru.
Lafa hanni jiru haqni, jaalalli, nageenyi, tokkummaan safuun, aadaa fi duudhaan kan hin jirre ta’uu kaasaniiru.
Itti Gaafatamaan Hariiroo Uummataa fi Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan gamasaaniin, Miidiyaaleen hawaasa naamusa qabu akkasumas mirgaa fi dirqamasaa beeku ijaaruu akka qaban ibsaniiru.
Malaammaltummaan guddinaa fi misooma biyyaaf gufuu ta’uu ibsuun, ittisuuf dhaabbileen miidiyaa cichoomanii hojjechuuqabu jedhan.
Miidiyaan dhugaa baasuuf kan hundaa’e ta’uu eeruu, dhugaa dubbachuun, soba lagachuun, burjaajii keessaa ba’uun dhugaa baasuuf hojjechuun murteessaa ta’uu himaniiru.
Akkasumas karaa loogii irraa bilisa ta’een walqixa ilaaluun gosummaa, sanyummaa, laga, amantaa fi sabummaa irraa bilisa ta’ee kabaja barbaadamuu fi haqaan tajaajiluu akka qabu dhaamuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.