Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti dhaabbiin biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2017 boru eegala

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2017 (FMC)- Naannoo Oromiyaatti dhaabbiin biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2017 guyyaa boru eegala jedhe Biiroon Qonnaa Naannichaa.

Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun ibsa miidiyaaleef kennaniin, Oromiyaatti dhaabbiin biqiltuu Sagantaa Ashaaraa Magariisa bara 2017 guyyaa boruu akka eegalu ifoomsaniiru.

Naannichatti  Sagantaan Ashaaraa magariisaa bara kanaa mata duree “Dhaabuun Bayyanachuu” jedhuun gaggeeffamuuf biqiltuun biliyoona shan dhaabbiif qophaa’uu himaniiru.

Dhaabbii biqiltuu bara kanaaf  biqiltuu buufata kuma 38 ol keessatti dhaabaman biliyoonni 5 fi miiliyoonni 800  keessaa biliyoonni 5 dhaabbiif qiphaa’uu kaasuun, Uummata miiliyoona 15 fi kuma 900 hirmaachisuun kan gaggeeffamu ta’uu ibsan.

Biqiltuu dhaabamu keessaa %40 biqiltuu bosonaa, %30 tajaajila addaa addaaf kan oolu, %19 nyaata beelladaafi kan hafe leemmanaafi biqiltuu miidhaginaatu dhaabbata.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti bara 2011 eegaleen  naannichatti biqiltuun biliyoonni 23 fi miiliyoonni 500 lafa heektaara miliyoona 6 fi kuma 900 irratti dhaabame keessaa %88 latuu mirkaneessaniiru.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa waggoottan darban jahan hojjetamaa ture gabbina biyyoo, kuufama bishaaniifi uwwisa bosonaa dabaluun madda carrra hojii ta’uurra darbee oomishaalee alaa galan bakka buusuun al ergii guddisuu keessatti gumaacha olaanaa bahachaa jiraachuu himan.

Dhaabbii bara kanaafis qophii gahaan taasifamuu kaasuun qaamoleen haawaasaa hundi hirmaannaa ho’aa taasisaa turan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Guutaa Owwaataatu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.