Mootummaan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira- Obbo Awwaluu Abdii
Finfinnee, Waxabajjii 24, 2017 (FMC )- Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin mootummaan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhan.
Magaalaa Ambootti piroojektoonni misoomaa garaagaraa eebbifaman.
Obbo Awwaluu Abdiin sagantaa eebba pirojoojektotaa kanarratti haasaa taasisaniin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa uummata waliin ta’uun piroojektoota fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjachaa jiraachuu himan.
Guyyaa har’aa magaalichatti manneen barnootaa sadarkaa duraafi warshaa nyaata beelladootaa dabalatee piroojektoonni biroon eebbifamaniiru.
Sirna eebba piroojektootaa kanarratti Bulchaa Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa dabalatee hoggantoonni mootummaa federaalafii naannoo argamaniiru.
Mulugeetaa Girmaatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.