Murtoon kilabootarratti darbe qaama kamiiyyuu miidhufis fayyaduufis miti – Federeeshinicha
Finfinnee, Waxabajjii 25, 2017 (FMC) – Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa murtoo kilabootarratti guyyaa kaleessaa dabarse ilaalchisee ibsa kenneera.
Murtoon kilabootarratti darbe qaama kamiiyyuu miidhufis fayyaduufis miti jedhan Pireezidaantiin federeeshinichaa obbo Isaayyaas Jiraan.
Murtoo kubbaa miilaaf waan fooyya’aa fiduudha jedhan.
Murtoo kilaboota badii raawwattanirratti darbe ta’uu eeruun, yeroo itti aanu kilaboota biroorrattis qorannoon gaggeeffamu itti fufa jechuun ibsan.
Murtee gaaffii haqa qabeessummaa bu’uura godhachuun murtaa’e ta’uu kaasan.
Murtoo qaama haqaan kenname ta’uu hubatamuu akka qabu kaasan.
Gidduseentummaan qaama 3ffaa fudhatama kan hin qabne ta’uu dubbatan.
Kilabni murticha fudhachuu hin barbaanne liigicha keessaa bahuu danda’a jedhan.
Lakkoofsa kilaboota liigichaa kan murteessu Federeeshinicha malee kilaboota akka hin taane hubatamuu qaba jedhan.
Abeel Niwaayitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.