Doolaara biiliyoona 3.5 Waanjoo Idaa Itiyoophiyaarraa kaafneerra – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Waxabajjii 26, 2017 (FMC) – Doolaara biiliyoona 3.5 Waanjoo Idaa Itiyoophiyaarraa kaafneerra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad walga’ii idilee 42ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa gaggeeffamaa jirurratti argamuun yaadaa fi gaaffii miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsaa fi deebii kennaniiru.
Daddabarsi maallaqaa dijitaalaan tiriiliyoona 12.5 ga’eera.
Dargaggoonni miiliyoona 11 ta’an Birrii biiliyoona 24.5 liqeeffataniiru.
Hojiin Riifoormii Itiyoophiyaa sadarkaa addunyaatti riifoormii dinqisiifannaa olaanaa argateedha.
Doolaara biiliyoona 5 al ergiirraa argachuuf karoorfamee Doolaara biiliyoona 8.1 ol argachuun danda’ameera.
Guddinaa qonnaa, tajaajilaa fi faayinaansii yoo walitti idaa’ame Guddinni tokkoon tokkoo seektarootarratti mul’ataa jiru guddinaa diinagdee karoorfame ol galmeessuu ni danda’a jedhan.
Itiyoophiyaan damee hundaan guddina galmeessuuf karoorfattee ol galmeessuu akka dandeessu agarsiiftuuwwan hedduutu jira.
Kana dhaabbileen idil addunyaas ragaa bahaa jiru jedhan.
Riifoormiin diinagdee utuu duubatti hindeebi’iin yoo itti fufe badhaadhinni biyyattii mirkanaa’uu danda’a jedhan.
Doolaara biiliyoona 3.5 Waanjoo Idaa Itiyoophiyaarraa kaafneera.
Birrii biiliyoona 900 walitti qabne, Birrii Tiriiliyoona 1.2 baasii goone jedhan.
Dhaabbileen misoomaa Birrii Tiriiliyoona 2 galii argataniiru.
#Oromia #Ethiopia