Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee miiliyoona 23 Seeftineetii keessaa baasuun danda’ameera – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2017 (FMC) – Lammiilee seeftineetiin hammatamanii turan miiliyoona 27 seeftineetii keessaa baasuuf hojii hojjetamaa tureen bara kana lammiilee miiliyoona 23 Seeftineetii keessaa baasuun danda’ameera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad walga’ii idilee 42ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa gaggeeffamaa jirurratti argamuun yaadaa fi gaaffii miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsaa fi deebii kennaniiru.

Diinagdeen Itiyoophiyaa cabiinsa qaba ture, sababa kanaan gara riifoomii diinagdeetti ce’uuf dirqamne jedhan.

Diingadee dorgomaa ta’e uumuuf riifoormiin diinagdee gaggeessuun dirgama ture jedhan.

Hojiin riifoormii gaggeeffames haala waliigalaa idil addunyaa bu’uura godhachuun kan gaggeeffameedha jedhan ibsa kennaniin.

Bara Oomisha kuntaala biiliyoona 1.5 walitti qabamuun danda’ameera.

Hidhaaleen lafa hektaara kuma 84 misoomsuu danda’an 6 bara kana ni eebbifamu.

Bara kana lafti asiidummaan miidhame hektaarri kumni 50 ol wala’aamanuun gara hojii qonnaaf oolfameera.

Aadaan hojii qonnaa waggaattii lama sadii oomishuu cimee itti fufeera.

Itiyoophiyaan damee qonnaaf xiyyeeffannaa kenniteen jalqabbiin jiru jajjabeessaa ta’uus fuulduratti hojii dabalataa akka barbaadu himan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.