Hidhaan Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa yeroo dhiyootti ni eebbifama – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Waxabajjii 26, 2017 (FMC) – Hidhaan Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa yeroo dhiyootti ni eebbifama jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad walga’ii idilee 42ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa gaggeeffamaa jirurratti argamuun yaadaa fi gaaffii miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsaa fi deebii kennaniiru.
Ijipti,Sudanii fi biyyoonni yaa’a gadii fulbaanni ga’ee wayita roobni hir’atu eebba hidhichaarratti akka hirmaatan afeerra jedhan Dooktar Abiy Ahimad.
Hidhichi biyyoota yaa’a gadiif kennaadha malee yaaddoo miti.
Ammatti qaamni hidhaan Guddichi haaromsa Itiyoophiyaa akka hin eebbifamne tattaaffii taasiisu hin jiru jedhan.
Itiyoophiyaan misooma hunda waloon fayyadamuu barbaaddi malee qaama kamiiyyuu miidhuuf kaayyoo hin qabdu.
Ijaarsi maddeen anniisaa hedduun xumuramaa jiru jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.