Fana: At a Speed of Life!

Torban dura gaa’ila raawwatee har’a balaa konkolaataan lubbuun kan darbe jifataa Liivarpuul Diyaagoo Jootaa

Finfinnee ,Waxabajjii 26, 2017 (FMC) –Taphataan sarara fuulduraa Liivarpuul Diyaagoo Jootaan balaa konkolaataa isa mudateen umriisaa waggaa 28ffaatti obboleessa isaa Andiree jedhamu waliin addunyaa kanarraa du’aan boqatan.

Balaan konkolaataa kun Ispeen bulchiinsa Zamora jedhamtu keessatti mudate.

Humni nageenyaa Ispeen ‘Guardia Civil’ jedhamu obboleewwan lameen konkolaataa Lamborghini ittiin imalaa turanirra balaan ga’uun lubbuunsaanii darbuu ibse.

Diyaagoo Jootaa jaalalleesaa waggaa dheeraaf waliin turanii fi ijoollee sadi waliin qaban ‘Rute Cardoso’ jedhamtu waliin cidha kan raawwate waxabajjii 22 ture.

Jootaan bara taphaa darbe kana Liivarpuul waancaa Piriimeer Liigii akka injifatu gumaacha olaanaa taasiseera.

Poorchugaal Ispeeniin mo’achuun Waancaa Neeshinsi Liigii biyyoota akka fudhattu Jootaan tumsa olaanaa taasise jechuun BBCn gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.