Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsiitti Pirojektonni kuma 1 fi 100 ol Birrii biiliyoona 5.8’n ijaaraman tajaajilaaf banaman

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2017 (FMC)- Godina Arsii aanaalee garaagaraatti Pirojektoonni misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan kuma 1fi 100 ol Birrii biiliyoona 5 fi miiliyoona 800 oliin ijaaraman eebbifamuun tajaajilaaf banaman.

Pirojektonni kunneen Aanaa Diksiisii ,Roobee fi Suudetti pirojektoonni adda addaa ijaaraman eebbifamaniiru.

Piroojektonni kunneen bakka Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Aaddee Jamiilaa Simbirruu,Hogganaan Biiroo Carraa Hojii uumuu fi ogummaa Oromiyaa Injiinar Eebbaa Garbaa fi Hoggantonni olaanoon naannichaa biroon argamaniiru.

Bulchaa godina Arsii obbo Ibraahim Kadiir gamasaaniin, pirojektoonni hojjetamanii tajaajilaaf oolan rakkoo hawaas-dinagdee ummata godinichaa hiikuu bira darbee mallattoo guddina biyya keenyaati jedhan.

Pirojektootni hojjetamanis ijaarsa gamoo waajjiraalee, mana qoricha, hawaasaa, Hospitaalota , Pirojektii Finnaa ,misooma koriidarii,daandii keessa keessaa,ibsaa daandiirraa,kilaastara furdisa loonii,lukkuu,mana qusannaa,indaastirii godoo,magariisummaa fi kanneen biroos xumuramuun tajaajilaaf gahaniiru.

Abdallaa Amaantu gabaase.

#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.