Fana: At a Speed of Life!

Shaggarritti Agarsiifni Investimantii Idil Addunyaa baname

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2017 (FMC)- Agarsiisni Invastimantii Idil Addunyaa Magaalaa Shaggar guyyoota sadiif turu Giddu gala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti banameera.

Magaalaan Shaggar haala mijataa invastimantiif qabdu caalmaatti beeksisuun abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi biyya alaa hawwachuuf agarsiischi banamuun ibsameera.

Agarsiisicharrtti AfYaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahamaan fi Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa dabalatee hoggansi federaalaafi naannoo argamaniiru.

Agarsiisa kanarratti abbootiin qabeenyaa biyya keessaafi biyya alaa argamuun walitti hidhamiinsa gabaa ni uumu,muuxannoo waljijjiirun oomisha isaanii ni beeksifatu .

Agarsiisni kun Waxabajjii 28-30, 2017 kan gaggeeffamu ta’uu ragaan BKO ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.