Fana: At a Speed of Life!

Naannoo mijataa fi hawwataa uumuun ga’ee hundaa ta’uu qaba- lnjiinar Lalisee Namee

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2017(FMC) – Daayrektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Injiinar Lalisee Namee naannoo hawwataa fi jireenyaaf miijataa ta’e uummuun ga’ee hundaa ta’uu qaba jedhan.

Naannoo Afaar magaalaa Samaraatti bakka pirezidaantiin Naannichaa Awwal Arbaa argamanitti sosochiin Itiyoophiyaa Qulquulluu mata duree “Qulqullina Aadaa Haa Godhannu” jedhuun eegalameera.

Saganticha irratti Injiinar Lalisee Namee akka jedhanitti, babal’ina magaalotaa fi baay’ina uummataan walqabatee faalamni naannoo babal’ataa dhufeera.

Keessumaa hanqinni ittifayyadama meeshaalee pilaastikii naannoo miidhaa jiraachuu eeraniiru.

Balfa magaalotatti baay’ataa dhufe ittisuun waloon naannoo qulqulluu uumuun jirreenyaaf miijessuu akka barbaachisus ibsan.

Naannoo qulqulluu uumuun tumsa akka barbaadu eeranii, keessumaa seerota Eegumsa Naannoo ilaalchisee ba’an raawwachuu fi raawwachiisuun, darbees hubachiisuun akka barbaachisu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.

Sosochiin eegalame namoota miliyoona 15 kallattiin, namoota miliyoona 50 bira ammoo
karaa miidiyaalee qaqqabuuf karoorfamuus kaasan.

Pirezidaantiin Naannoo Afaar Awwal Arbaa gama isaaniin sosochiin “Itiyoophiyaa Qulqulluu” hojiiwwan eegumsaa fi kunuunsa naannoo eegalaman akka ciman fi bu’aa akka qabaataniif ga’ee guddaa waan qabuuf Mootummaan Naannichaa gama hunadaan ni deggera jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.