Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti Pirojektoonni birrii miliyoona 200 oliin hojjetamaa turan eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’an

 

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2017(FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Fiicheetti Pirojektoonni misooma garaa garaa birrii miliyoona 200 fi miliyoona 70 oliin ijaaramaa turan eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’an.

Piroojektoonni kunneenis bakka Pirezadaantiin itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii, hoggantoonni biroo fi keessummoonni adda addaa argamanitti eebbifamuun tajaajilaaf banamaniiru.

Piroojeektiiwwan baayinana 29 ta’an kunniin Manneen barnootaa bu’uuraa boruu, mana qusannaa, dareewwan barnootaa dabalataa, kutaa dabalataa waajjira abbaa alangaa, kilaastara horsiisa loonii fi lukkuu, manneen murtii aadaa, daandii koobilii fa’a akka ta’an kantiibaan Magaalaa Fiichee Obbo Kifluu Kabbadaa yerooma kana ibsaniiru.

Piroojektoota bulanii fi haaraan gandoota Magaalichaa hunda keessatti Birrii miliyoona 200 fi mililiyoona 70 oliin hojjetamaa turan kunniin rakkoo hawaas diinagdee uummata Magaalichaa furuuf kan gargaaran ta’uus ibsaniiru.

Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin wayituma kana akka jedhanitti maallaqa, humnaa fi qabeenya walitti fiduun rakkoo hawaasaa furuu fi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu isaaf hojiin magaalaa Fiichetti hojjetame agarsiistuudha.

Hawaasni Godina Shawaa Kaabaa rakkoo nageenyaa fiinxaleeyyiin uumaniin aarsaa kaffalee injifannoo guddaa galmeessisaa jiras jedhan.

Dinagdee biyyaa utubuunis piroojektoota karaa guutuu ta’een raawwachchuun, sirna ijaaruu, utubuu fi lafa qabsiisuutiin hojiin hojjechaa jiru gammachiisaa ta’uus dubbatan.

Piroojektoonni ijaaraman kunneen hordoffiifi to’annoo gahaa waan barbaadaniif hawaasni hundi akka qabeenya isaatti eeggachuu akka qabus hubachiisaniiru.

Faxxanaa Zawudeetu gabaase

Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.