Fana: At a Speed of Life!

BRICS Yaada Haaraa fi Cimaa irraa ka’ee gara Humna Jijjiiramaa idil Addunyaa guddaa ta’eera -Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee Waxabajjii 30, 2017 (FMC )- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii 17ffaa BRICS irratti haasawaa taasisaniiru.

BRICS Yaada haaraa fi cimaa irraa ka’uun gara Humna Jijjiiramaa idil Addunyaa guddaatti ce’eera -Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee Waxabajjii 30, 2017 (FMC )- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Yaa’ii 17ffaa BRICS irratti haasawa taasisaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaa’ii BRICS 17ffaa Biraazil Riiyoo Dii Jeenirootti gaggeeffamaa jirurratti, waltajjii hoggantootaa nageenyaa fi tasgabbii irratti haasawaa taasisaniin, Dhaabbileen idil- addunyaa wal amantaa jajjabeessan jiraachuun murteessaa ta’uu kaasan.

Dhaabbileen Maallaqaa Idil addunyaa nageenya waloo fi badhaadhina hundagaleessa fiduuf caasaa murtoo itti kennan karaa guutuu ta’een haala itti fooyya’uu danda’urratti yaada kennaniiru.

Itiyoophiyaan ifatti BRICS tti kan makamte bara 2015 yoo ta’u, michummaa diinagdeef qofa osoo hin taane addunyaa Haqni fi Walqixxummaan itti mirkanaa’e uumuuf qixa biyyoota tattaafataniin kan itti hirmaattedha jedhan.

Itiyoophiyaan akka miseensummaa BRICStti keessattuu waltajjiiwwan idil addunyaa murtoon itti kennamurratti yaadawwan haaraa fi biyyoota guddinarraa jiraniif akkaataa bakka bu’uumsa bal’aa itti argatanirratti hirmaannaa olaanaa taasisaa jirti jedhan.

Dooktar Abiy dhiibbaa BRICS cimaa dhufee wayita ibsan, BRICS yaada haaraa fi cimaa irraa ka’ee gara humna Jijjiiramaa Idil Addunyaa guddaa ta’eera, miseensoota haaraa dabaluun sagalee waloo caalmaatti cimsuu dubbataniiru.

Miseensonni haaraan dabalamuun sagalee fi kaayyoo waloo caalmaatti cimsa, dandeettii guddisa jedhan.

Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.