Fooramiin carraa hojii uumuu Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira
Finfinnee Waxabajjii 30, 2017 (FMC )- Fooramiin carraa hojii uumuu Afrikaa 3ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Fooramicharratti Ministira Muummee Itti aanaa obbo Tamasgeen Xurunaa, Dura Ta’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yusuuf, Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa Mufaariyat Kaamil, Ministiroonni biyyoota Afrikaa, Ogeeyyiin kalaqaa fi hayyoonni damichaa biroon argamaniiru.
Fooramichi waggoottan lamaan darban akkaataa biyyoonni ardichaa qabeenya kuufama qaban gara dandeettiitti jijjiiruu danda’anirratti gaggeeffamuun ni yaadatama.
Haaluma kanaan dargaggoota Ardichaa miiliyoonaan lakka’amaniif carraan hojii mijataa fi dhaabbiin uumameera.
Fooramichi haala qabatamaa jiru ilaalcha keessa galchuun dandeettii dargaggootaa guddisuu fi carraawwanitti fayyadamuun humna kan uume yoo ta’u, kan bara kana diinagdee damee qonnaarratti kan xiyyeeffatudha.
Fooramichi har’aa eegalee hanga Adoolessa 2, 2017 kan turu ta’uun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.