Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee Tajaajila Lammummaan bu’aaleen guguddoon argaman- BBO

Finfinnee Waxabajjii 30, 2017 (FMC) – Waggoottan jijjiiramaa darban hojiilee tajaajila lammummaa hojjetamaniin bu’aa gugudoon argame jedhe Biiroon Barnootaa Oromiyaa.

Naannoo Oromiyaatti ganna kana damee barnootaatiin hojiileen tajaajila lammummaa Birrii biiliyoona 66. 4 tti tilmaamaman ni hojjetamu.

Biiroon Barnoota Oromiyaa hojii tajaajila lammummaa gannaa ilaachisuun ibsa miidiyaaleef kenneera.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo akka jedhanitti mootummaan labsiiwwan Humnoota Waloo humna hawaasaa bu’aatti jijjiiran hojiirra oolchu himaniiru.

kana keessaas misooma waloof tajaajilli lammummaa isa tokko ta’uu dubbataniiru.

Labsicha booda aadaa wal gargaarsaa oromoon qabutti deebi’uun damee barnootaatiin hojiin firii qabu hojjetamuu ibsanii, bara darbe tajaajila lammummaatiin hojiileen Birrii biiliyoona 45.6tti tilmaamaman hojjetamuu ibsaniiru.

Kana keessaas manneen barnoota bu’uura boruu kuma 4 fi 420, Manneen barumsa sadarkaa1ffaa 777, Manneen jireenyaa barsiisotaa 10 fi 181 fi paarkiin Diijitaalaa 309 ijaaramuu himaniiru.

Hojii istaandaardii manneen barnootaa fooyyessuutiin hojjetameen manneen barnootaa kuma 3 fi 882 suphamuu ibsaniiru.

Hojiiwwan tajaajila lammummaatiin hojjetame kanaanis bu’aalee gurguddoon argamuu ibsaniiru.

Tajaajila Lammummaa ganna kanaatiinis Manneen Barnootaa Bu’ura Boruu kuma 2 fi853, Daree barnootaa dabalataa 157, Sadarkaa 1ffaa 170 haaraa fi manneen jireenya barsiisotaa kuma 30 fi 444 kan ijaaraman ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis hojii Dhaabbilee barnootaa modeleessuutiin Bu’uura Boruu 361fi sadarkaa 1ffaa 722 moodeleessuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Hawaasiis hojiin karoorfame kun akka milkaa’uuf deeggarsa barbaachisu akka taasisu Dooktar Tolaan waamicha dhiyeessuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.