Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa barattoota ogummaa garaagaraan leenjisaa ture eebbisiisaa jira
Finfinnee, Adoolessa 5, 2017(FMC)- Yuunivarsiitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa barattoota ogummaa garaagaraan leenjisaa ture guyyaa har’aa Magaalaa Bishooftuutti eebbisiisaa jira.
Yuuniivarsiitichi barattoota ogummaawwan maandisummaa, saayinsii fayyaafi saayinsii hawaasaan leenjisaa ture eebbisiisaa jira.
Sagantaa eebbaa kanarratti Ministira Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mahaammad dabalatee qondaaltonni olaanoon Raayyaa Ittisaa, hoggantoonni olaanoon mootummaa, Ataasheewwan biyyoota garaagaraafi bakka bu’oonni qaamolee qooda fudhattootaa argamaniiru.
Pireezidaantiin yuunivarsiitichaa Birgaader Jeneraal Kabbadaa Raggaasaan barattoonni beekumsa gonfataniin dameewwan ogummaa bobba’an irratti itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan sagantaa eebbaa kanarratti hubachiisaniiru.
Yuuniivarsiitichi hojiilee qorannoofi qo’annoo faayidaa biyyaalessaa qaban gaggeessaa jiraachuu kaasanii, sadarkaa raawwii dirqama raayyichaa guddisuuf hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.
Yeshaambal Mihiratitu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.