Tajaajila lammummaa gannaan lammiilee miiliyoona 5’f tajaajilli qorannoo fayyaa bilisaa ni kennama
Finfinnee, Adoolessa 5, 2017(FMC) – Damee fayyaan tajaajila lammummaa gannaan lammiilee miiliyoona 5’f tajaajila qorannoo fayyaa kennuuf karoorfameera.
Tajaajilli tola ooltummaa damee fayyaa bara 2017 Hospitaala Kompireensihiivii Ispeeshaalaayizdii Alertitti eegalameera.
Tajaajila Kanaan tajaajilli qorannoo fayyaa bilisaa, dhaabbii biqiltuufi haaromsi manneen namoota harka qalleeyyii ni hojjetama.
Dabalataanis lammiilee miiliyoona jahaaf deeggarsi meeshaalee barnootaa, arjoomni dhiigaa, maaddii qooduu, diyaaspooraa qindeessuun wal’aansa baqaqsanii yaaluu, suphaa meeshaalee yaala fayyaafi hojiileen biroon kan hojjetaman ta’uus eerameera.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa wayita kana akka jedhanitti, hojiileen tajaajila tola ooltummaa kun hojiilee guyya guyyaa damichaa ni cimsu.
Bara darbe tajaajila tola ooltummaa gannaan kutaalee hawaasaa miiliyoona 4 fi kuma 500 oliif tajaajilli kennamuu yaadachiisaniiru.
Sagantaa jalqabsiisa tajaajila tola ooltummaa damee fayyaa har’a gaggeeffame kanarratti dhaabbilee Kanaan dura tajaajila kanarratti hirmaataniif beekamtiin kennameera.
Qiddist Abaateetu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.