Paartiin Badhaadhinaa gamaaggama raawwii bara 2017 gaggeessuu eegale
Finfinnee, Adoolessa 7, 2017 (FMC) – Paartiin Badhaadhinaa gamaaggama raawwii xumuraa bara 2017 magaalaa Dirre Dhawaatti gaggeessuu eegaleera.
Waltajjicharratti Pireezidaantii itti aanaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah, hoggantoonni waajjira olaanaa Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gaafatamtoonni Waajjiraalee Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoolee fi Bulchiinsa magaalootaa argamaniiru.
Gamaaggamichaan gabaasa raawwii bara 2017 , gabaasa raawwii deeggarsa hojiilee suuparviyzinii paartiichaa fi karoora bara 2018 irratti kan mari’atamu ta’uun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.