Qulqullina Bunaa dabaluun diinagdee biyyaa utubuuf hojjetamaa jira-Obbo Geetuu Gammachuu
Finfinnee, Adoolessa 9, 2017 (FMC)- Oomishtummaa fi qulqullina oomisha bunaa dabaluun dinagdee biyyaa utubuuf hojjetamaa jira jedhan Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuun.
Raawwiin hojii qulqullina bunaa bara 2017 bakka Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan argamanitti gaggeeffamaa jira.
Biiroon Qonnaa Oromiyaa inisheetivoota 28 qorannoon adda basuun hojiirra oolchaa jiruun bu’aawwan damee qonnaa irraa argaman akka dabalu taaasisuu himaniiru.
Inisheetivoota kanneen keessa tokko inisheetivii bunaa ta’uu kaasanii, kanaanis oomishni bunaa rakkoo ture keessaa bahuun jijjiirama guddaa akka fidu taasifamuu dubbataniiru.
Waggoottan jijjiiramaa keessatti oomisha bunaa irratti hojii xiyyeeffannaan hojjetameenis bara 2011 sadarkaa naannoo Oromiyaatti oomisha kuntaala miiliyoona 4 fi kuma 400 argamaa ture bara kana oomisha kuntaala miliyoona 15 fi kuma 500 ol argamuu himaniiru.
Hojii hojjetamaa jiruun al- ergeen dabalaa kan dhufe yoo ta’u bara kana sadarkaa biyyaalessaatti buna alaatti ergame keessaa 77.5% kan naannoo Oromiyaa akka ta’e ibsameera.
Jijjiiramni bunarratti argamaa jiru jajjabeessaa ta’uus ammallee oomishtummaan hanga barbaadame dabaluufi qulqullina isaa fooyyeessuu irratti hanqinni jiraachuu kan ibsan obbo Geetuun kana fooyyeessuuf hooggansi sadarkaan jiru xiyyeeffannaa olaanaan hojjechuu akka qabu himuu ragaan BKO irra argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo