Fana: At a Speed of Life!

Miseensonni Buusaa Gonofaa Oromiyaa miiliyoona 27 qaqqaban – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee Adoolessa 12, 2017 (FMC) – Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 9ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti taa’aa jira.

Lakkoofsi Miseensota Buusaa Gonofaa Oromiyaa wayita ammaa miiliyoona 27 qaqqabeera jedhan Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimalis Abdiisaan gabaasa Caffeef dhiyeessaniin.

Buusaa Gonofaan dhaabbata deeggarsa namoomaa duudha oromooti kan jedhan Pireezidaanti Shimallis Buusaa Gonofaan ergaa hundaa’e hanga ammaatti raakkoolee uumamaa fi namtocheef deebii kennaa jiraachuu ibsan.

Bara baajata 2017 keessa qofa miseensota Buusaa Gonofaa miiliyoon 6.1 horachuun danda’ameeras jedhan.

Waliigalatti bara kana gumaanni Birrii biiliyonnii 14.5 walitti qabamuu himaniiru.

Uummanni naannichaa ergamni Buusaa Gonofaa Oromiyaa akka milkaa’uuf caalaatti akka tumsuuf Pireezidaanti Shimallis waamicha dhiyeessaniiru.

Gama biroon Tola Ooluun aadaa ganamaa Oromoo ta’uu kan kaasan Pireezidaantichi, hojii tajaajilaa lammuumma baratame caalmatti cimsuun bara itti aanutti harka qalleeyyiin hedduun akka gargaaraman karooraa ta’uu ibsan.

Bara 2018tti tajaajila tolaan hojiilee Birrii biiliyoona 300 fi biiliyoona 6tti tilmaamana hojjechuuf karoorfamuu eeran.

Tsahaay Gulummaa fi Hirphoo Shibootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.