Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idiilee 9ffaa har’as itti fufuun gaggeessaa jira
Finfinnee, Adoolessa 13,2017 (FMC)_ Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 9ffaa waggaa 4ffaa bara Hojii caffee 6ffaa har’as itti fufuun gaggeessaa jira.
Yaa’icharratti Pireezidaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa Obbo Gaazaalii Abbaasimal gabaasa raawwii Mana Murtii waliigala Oromiyaa dhiyeessaa jiru.
Bara baajatichatti galmee sochii irra ture Kuma 500 fi Kuma 48 keessa galmeen kumni 500 fi kumni 32 ol furmaata argachuu dubbataniiru.
Galmee bara kana sochirra turan keessaa galiin Abba seerummaa Birriin miiliyoonni 700 fi miiliyoonni 61 fi Kuma 900 ol mootummaaf galii ta’uu Obbo Gaazaaliin ibsaniiru.
Hojiileen dandeettii Manneen murtii cimsuu hojjetamuu dubbataniiru.
Akkasumas miidhaa ragaan sobaarratti hubannoon uumamuu himan.
Tajaajila Manneen murtii si’ataa fi dhaqqabamaa taasisuun mirga haqa argachuu lammiilee mirkaneessuuf hojjetamuu eeraniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.