Sagantaa Maaddii Guutuun dammi tooniin kumni 300 ol oomishame
Finfinnee, Adoolessa 13, 2017 (FMC)- Ministeerri Qonnaa bara baajataa 2017’tti Sagantaa Maaddii Guutuun dammi tooniin kumni 300 fi kumni 26 oomishameera jedhe.
Sagantaan Maaddii Guutuu oomishaafi oomishtummaa dammaa fooyyessuu keessatti shoora olaanaa bahachaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqiruu Raggaasaan Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.
Sagantichaan gaagura aadaa kan ammayyaan bakka buusuun oomishtummaa dammaa guddisuuf hojjetamuus yaadachiisaniiru.
Haaluma kanaan gaagura ammayyaa miiliyoona 2 fi kuma 100 fi kuma 35 raabsuuf karoorfamee gaagurri ammayyaa miiliyoonni 2 fi kumni 600 raabsamuu eeran.
Bara baajatichaatti damma toonii kuma 200 fi kuma 96 oomishuuf karoorfamee toonii kumni 300 fi kumni 26 raabsamuu hubachiisaniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.