Dinagdeen dam-hedduu guddina damee tuurizimiif gumaacheera – Mufariyaat Kaamil
Finfinnee, Adoolessa 13, 2017(FMC) – kallattiin dinagdee damhedduun Itiyoophiyaan hordofaa jirtu misooma humna namaa fi babal’ina bakkeewwan hawwattoota tuurizimiif gumaacha olaanaa kenneera jedhan Ministirri Carraa Hojii fi Ogummaa Mufariyaat Kaamiil.
Inistiitiyuutiin Leenjii Tuurizimii marsaa 57ffaaf digirii jalqabaa fi sadarkaan barattoota leenjisaa ture eebbisiiseera.
Mufariyaat Kaamiil yerooma kana dubbii dubbbataniin misomaa bakka ga’umsa tuurizimiin, ijaarsa humna namaa fi babal’ina bu’uuraalee misoomaatiin bu’aaleen jajjabessoon galmaa’aniiru jedhan.
Eebbifamtoonnis ogummaa barataniin guddinaa fi misooma biyya isaaniif qooda isaanii akka gumaachan hubachiisuu isaanii TOI gabaaseera.
Daayrektarri Olaanaan Instiitiyuutichaa Geetaachoo Nagaash gama isaaniin, leenjiiwwan Instiitiyuutichi kennu sadarkaa idil addunyaa akka guutaniif hojiiwwan qarannoo fi qo’annoo adda addaa hojjechuu isaa dubbataniiru.